Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Waldaan Dubartoota Oromoo Kibba Paasific, Guyyaa Aadaa fi Bashannanaaf Festival qopheesse  Sirna Howwaa fi Milkii Qabeessaan Gaggeeffame

(Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 31,2009) Waldaan dubartoota Oromoo Kibba Pasific qophii aadaa fi bashannanaa magaalaa Melbourne Austratiatti qopheesse sirna howwaa fi milkii qabeessaan gaafa Amajjii 31,2009 gaggeeffamuu MOA gabaase.

Qophiin kun waldaa durbartoota Oromoon kan qophaawe yeroo tahu, aadaaa Oromoo fi seenaa Oromoo alagaatti barsiisuu fi Oromoo biyya isaa irraa bahee jiru ammo akka jabeeffatee qabachuuf tahutti qophaawe. Meeshaa aadaa Oromoo fi gosa nyaataa, dhugaatii aadaa Oromoo akkasumas uffata aadaa saba Oromoo akka do'atamuu fi alagaattis beekamuuf haala miidhagaan qophaawee kan bahe yeroo tahu alagootiin meeshaa fi dhangaa aadaa Oromoo arganii fi nyaatanis miidhaginaa fi sifaayina dhangaa Oromoof dinqisiifatnaa fi jaalala guddaa kennanii jiru.

Sina baniinsa bashannanaa kana irratti dura teessuu waldaa dubartoota Oromoo K.Pasific fi qophichi akka milkaawuuf qooda guddaa kan kenniten Adde Likkee Waldee Gosaan haasaa godhaniin, ummanni Oromoo yeroo ammaa kanatti rakkoo siyaasaa biyyatti irra gaheen miidhamee biyya dhabee biyyaa bahuun isaa deebi'ee qabsoo Oromoof isa kanaasuu taha jedhanii jiru,Oromoon bakka jirutti wal jabeessee roorroo saba isaa irra jiru gamtaan ka'ee irraa buusuun waajiba tahuu isaa himanii, keessattuu gahee dubartooti Oromoo qabsoo bilisummaa keessatti kennaa turtee fi kennaan jirtuu akkasumas miidhaa alagaan Empayera Ethiopia keessatti irraa gahee fi har'a illee gahaa jiru himanii dubartooti Oromoo tokkummaa isaanii akka jabeeffatanii mirga sabaa fi mataa isaaniif akka dhaabbatan yaamicha godhanii jiru.

Adde Likkee Waldee Goosaa kanumatti aansanii alagoota deggersa kaayyoo waldaa dubartootaaf keessummaa tahanii dhufan keessaa Commissioner Victorian Multicultural Commission kan taate Adde Samar Mougharbel waltajjiitti afeeruun haasaa akka taasisan godhanii jiru. Haasaa Commissioner Adde Samara godhan keessaatti baqattooti keessattuu dubartoota tahan yeroo biyya dhalootaa isaanii gadhi dhiisanii godaanan rakkoon isaan irra gahuu fi qabaa isaan barbaachisu irratti haasaa godhnii jiru.

Itti annaansuun keessummaan kabajaa Adde Dalal Samal executive officer Victorian Immigrant and & refugee women's coalition haasaa isaanii keessatti akka jedhanitti, dubartooti  Afircas tahe Oromia irraa gara Australia dhufan qubachiisuu fi gargaaruu irratti yeroo hunda mootummaan isaanii akka cinaa dhaabatuu fi fuula durattis ammo waldaa dubartoota Oromoo waliin hariiroo jabaa uummachuun waan barbaachisu maraan akka waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu isaanii dubbatan. Maayyiittis hariiroo yeroo ammaa kana waldaa dubartoota Oromoo kibba Pacific waliin qabanittis dinqisiifatnaa fi gammachuu qabani ibsanii jiru.

Waldaan Artistoota Oromoo kibba Pacific itti argamu qophii waldaa dubartootaa kana irratti argamuun hanga halkan waariitti Oromootaa fi alagoota Festivala kana irratti argaman sirboota aadaa fi warraaqsaan boharessaa turuu isaanii MOA gabaasa.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net